-
Izraa 9:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Nuti garboota yoo taane iyyuu,+ Waaqni keenya garbummaa keenya keessatti nu hin dhiisne; kanaa mannaa, bayyanannee mana Waaqa keenyaa akka ol kaasnuuf,+ isa diigame deebisnee akka ijaarruuf, akkasumas Yihudaa fi Yerusaalem keessatti dallaa dhagaa* akka argannuuf, mootota Faarsi duratti jaalala isaa isa amanamaa nutti argisiiseera.+
-
-
Nahimiyaa 1:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yaa Yihowaa, maaloo, gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi kadhannaa tajaajiltoonni kee warri maqaa kee sodaachuutti gammadan dhiheessan xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; maaloo, harʼa tajaajilaa keetiif milkaaʼina kenni; namichi kunis gara laafina natti haa argisiisu.”+
Yeroo kanatti ani nama mootichaaf dhugaatii dhiheessun ture.+
-