-
Izraa 9:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Anis wanta kana akkuman dhagaʼeen, uffata koo fi qoloo koo tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koos of irraa ciree naasuudhaan gad nan taaʼe. 4 Achiis namoonni boojiʼamanii turan amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe, namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliif kabaja qaban* hundi naannoo kootti walitti ni qabaman; yeroo kanatti hamma aarsaan midhaanii inni galgalaa dhihaatutti+ naasuudhaan nan taaʼe.
-
-
Daaniʼel 9:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Kanaafuu, ani gara Yihowaa Waaqa dhugaatti fuula koo nan naannesse; soomee, uffata gaddaa uffadhee, akkasumas daaraa of irratti firfirsee isa nan kadhadhe.+ 4 Ani Waaqa koo Yihowaatti kadhannaa nan dhiheesse; cubbuu keenyas isatti nan hime, akkana nan jedhe:
“Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif+ kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu,+ Waaqa dhugaa, Waaqa guddaa fi sodaachisaa kan taate yaa Yihowaa, 5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera.
-