LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 9:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+ 7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma harʼaatti yakki keenya guddaa dha;+ dogoggora keenyaan kan kaʼes, akkuma harʼa arginu kanatti nuti, mootonni keenyaa fi luboonni keenya harka mootota biyyoota kanaatti, goraadeetti,+ boojuutti,+ saamichattii+ fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.+

  • Nahimiyaa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+

  • Nahimiyaa 9:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Wanta nutti dhufe hundumaatiin ati qajeelaa dha; sababiin isaas ati amanamaa dha; gocha hamaa kan raawwate nu dha.+

  • Faarfannaa 106:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Nuti akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;+

      Dogoggora raawwanneerra; hamminaanis deddeebineerra.+

  • Faaruu Ermiyaas 3:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 “Nuti yakkineerra, fincilleerras,+ atis dhiifama hin goone.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi