-
Baʼuu 35:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Warri garaan isaanii isaan dirqisiise hundii+ fi hafuurri isaanii isaan kakaase hundi dhufanii, dunkaana walgaʼichaatiif, tajaajila achi keessatti raawwatamu hundumaatiif, akkasumas uffatawwan qulqulluudhaaf akka taʼutti buusii isaanii Yihowaadhaaf ni fidan.
-
-
1 Seenaa Baraa 29:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Namoonni sun garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf kennaawwan kana waan kennaniif, isaan kennaawwan kana fedhiidhaan kennuu isaaniitti baayʼee ni gammadan;+ Daawit mootichis baayʼee ni gammade.
-
-
Izraa 7:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Sababiin isaas, mootichii fi gorsitoonni isaa torban Seerri Waaqa keetii inni si bira* jiru Yihudaa fi Yerusaalem keessatti hojii irra oolfamaa akka jiruu fi akka hin jirre akka qorattuuf, 15 kana malees, meetii fi warqii isa mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel isa bakki jireenyaa isaa Yerusaalem keessa taʼeef fedhii isaaniitiin kennan, 16 meetii fi warqii guutummaa koonyaa Baabilon keessaa fudhatte,* akkasumas kennaa sabichii fi luboonni fedhii isaaniitiin mana Waaqa isaanii isa Yerusaalem keessatti argamuuf kennan hundumaa+ fudhattee akka deemtuuf si erganiiru.
-