-
Keessa Deebii 15:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Yeroo hundumaa dhuma waggaa torbaffaatti liqii nama irraa qabdu isaaf dhiisi.+ 2 Akkaataan liqii nama irraa qaban itti isaaf dhiisan kana fakkaata: Namni liqii nama irraa qabu kam iyyuu liqii nama liqeeffate sana irraa qabu isaaf ni dhiisa. Kun yeroo ulfina Yihowaatiif liqiin akka dhiifamu itti labsamu waan taʼuuf, namni nama tokko irraa yookiin obboleessa isaa irraa liqii qabu akka isaaf deebisu gaafachuu hin qabu.+ 3 Liqii nama biyya ormaa irraa qabdu gaafachuu ni dandeessa;+ haa taʼu malee, wanta obboleessi kee si irraa liqeeffate kam iyyuu isaaf dhiisuu qabda.
-