-
Nahimiyaa 13:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kana malees Leewwonni+ gaʼeen isaanii waan isaaniif hin kennamneef,+ Leewwonnii fi faarfattoonni warri hojicha hojjetan tokkoon tokkoon isaanii gara maasii maasii isaaniitti deemuu isaanii nan hubadhe.+ 11 Kanaafuu, “Manni Waaqa dhugaa kan dagatame maaliifi?”+ jedheen bulchitoota gad aanootti+ dheekkame. Achiis walitti isaan qabeen deebisee hojii isaanii irratti isaan ramade.
-