-
Nahimiyaa 10:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+
38 “Yommuu Leewwonni kudhan keessaa tokko fudhatan, lubichi ilmi Aaron Leewwotaa wajjin taʼuu qaba; Leewwonni immoo kudhan keessaa tokko isa argatan keessaa, kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaatti,+ gara kutaawwan mana kuusaatti* geessuu qabu.
-