-
Asteer 9:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Inni jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14ffaa fi guyyaa 15ffaa waggaa waggaadhaan akka kabajan isaan ajaje; 22 kunis kan taʼe, guyyoota sanatti Yihudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa waan argataniif, akkasumas jiʼa sanatti gaddi isaanii+ gammachuutti, booʼichi isaaniis guyyaa ayyaanaatti waan jijjiirameef ture. Isaanis guyyoota kana guyyoota affeerraa fi guyyoota gammachuu, akkasumas yeroo nyaata itti waliif erganii fi hiyyeeyyiidhaaf kennaa itti kennan godhanii kabajuu qabu turan.
-