-
Asteer 4:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Mordekaay+ wanta raawwatame hundumaa yeroo beeketti+ uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffate; mataa isaa irrattis daaraa firfirse. Achiis sagalee isaa ol kaasee iyyaa, mararamees booʼaa walakkaa magaalattii keessa darbe. 2 Namni kam iyyuu uffata gaddaa uffatee karra mootichaatti seenuu waan hin dandeenyeef, inni hamma karra mootichaatti qofa deeme. 3 Koonyaa+ dubbiin mootichaa fi labsiin isaa gaʼe hundumaatti, Yihudoota gidduu gadda guddaatu ture; isaan soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa turan. Baayʼeen isaanii uffata gaddaa fi daaraa irra ciisu turan.+
-