-
Asteer 3:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha. 9 Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, labsiin akka isaan balleeffaman ajaju haa barreeffamu. Anis mana qabeenyaa mootichaatti akka galchaniif abbootii taayitaatiif meetii taalaantii* 10,000 nan kaffala.”*
10 Yeroo kanatti mootichi qubeellaa chaappaa isaa harka isaa irraa baasee,+ Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagicha+ isa diina Yihudootaa taʼetti kenne. 11 Mootichi Haamaaniin, “Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate akka ittiin gootuuf, meetichii fi sabichi siif kennamaniiru” jedhe.
-