-
Asteer 9:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Jiʼa Adaar,*+ jechuunis jiʼa 12ffaa keessaa guyyaa 13ffaatti, yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa hojii irra oolfamuuf jedhutti,+ guyyaa diinonni Yihudootaa akka isaan moʼan abdatanii turanitti, wanti kana irraa faallaa taʼe ni raawwatame; Yihudoonni warra isaan jibban ni moʼan.+ 2 Yihudoonni warra isaan miidhuu barbaadaniin loluuf magaalota isaanii warra koonyaawwan Ahaashweros+ Mootichaa hundumaa keessatti argaman keessatti walitti qabaman; saboonni hundi waan isaan sodaataniif namni tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+
-