-
Asteer 5:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, haati manaa isaa Zeereeshii fi michoonni isaa hundi, “Jirma dhundhuma 50* dheeratu dhaabsisi. Achiis Mordekaay achi irratti akka fannifamu ganama mootichatti himi.+ Sana booda, affeerraa sana irratti gammaduudhaaf mootichaa wajjin dhaqi” isaan jedhan. Haamaanis yaanni kun gaarii fakkaatee waan isatti mulʼateef, jirma sana ni dhaabsise.
-
-
Asteer 7:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, isaan jirma inni Mordekaayiif qopheesse irratti Haamaaniin ni fannisan; aariin mootichaas ni qabbanaaʼe.
-
-
Asteer 9:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, mootichi wanti kun akka raawwatamu ajaja kenne. Achiis Shushaan* keessatti seerri ni baʼe; ilmaan Haamaan kurnanis ni fannifaman.
-