-
Asteer 5:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, haati manaa isaa Zeereeshii fi michoonni isaa hundi, “Jirma dhundhuma 50* dheeratu dhaabsisi. Achiis Mordekaay achi irratti akka fannifamu ganama mootichatti himi.+ Sana booda, affeerraa sana irratti gammaduudhaaf mootichaa wajjin dhaqi” isaan jedhan. Haamaanis yaanni kun gaarii fakkaatee waan isatti mulʼateef, jirma sana ni dhaabsise.
-
-
Asteer 6:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Haamaan wanta isa irra gaʼe hundumaa haadha manaa isaa Zeereeshii+ fi michoota isaa hundumaatti yommuu himu, namoonni isaa warri ogeeyyii taʼanii fi haati manaa isaa Zeereesh, “Mordekaay inni ati isa duratti kufuu jalqabde kun sanyiin isaa Yihudii yoo taʼe, ati isa moʼuu hin dandeessu; shakkii tokko malee isa duratti ni kufta” isaan jedhan.
-