LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 24:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni kam iyyuu Waaqa isaa yoo abaare cubbuu isaatiif itti gaafatama. 16 Kanaafuu, namichi maqaa Yihowaa arrabse sun mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Guutummaan yaaʼichaa dhagaadhaan tumee isa haa ajjeesu. Namni biyya ormaas Maqicha yoo arrabse akkuma lammii biyyattiitti haa ajjeefamu.

  • Iyyoob 1:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Garuu, mee harka kee diriirsiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti; dhugumaan inni ijuma* kee duratti si arrabsa.” 12 Achiis Yihowaan Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi harka kee* keessa jira. Isa garuu hin tuqin!” jedhe. Kanaafuu, Seexanni Yihowaa* duraa baʼee deeme.+

  • Mulʼata 12:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Anis samii keessaa sagalee guddaa akkana jedhu tokko nan dhagaʼe:

      “Amma fayyinni,+ humnii fi Mootummichi kan Waaqa keenyaa,+ aangoonis kan Kiristoos taʼeera; sababiin isaas, inni obboloota keenya himatu, inni halkanii fi guyyaa Waaqa keenya duratti isaan himatu+ sun gad darbatameera!

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi