LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 23:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Waaqayyo akka namaa soba hin dubbatu,+

      Akka ilma namaas yaada isaa hin jijjiiru.*+

      Inni wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?

      Wanta dubbate hoo, fiixaan hin baasuu?+

  • Faarfannaa 135:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yihowaan samii fi lafa irratti, galaanotaa fi iddoowwan gad fagoo hundumaa keessatti

      Wanta gochuu barbaade hundumaa ni godha.+

  • Isaayyaas 14:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera:

      “Akkuman yaade ni taʼa,

      Akkuman murteessettis ni raawwatama.

  • Isaayyaas 46:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee,

      Wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha.+

      ‘Murtoon* koo jabaatee ni dhaabbata,+

      Wanta na gammachiisu akkamii iyyuu nan raawwadha’+ nan jedha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi