-
Lallaba 8:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Cubbamaan tokko siʼa dhibba wanta hamaa utuma raawwatuu bara dheeraa kan jiraatu taʼus, warri Waaqa dhugaa sodaatan isa sodaachuu isaaniitiin kan kaʼe gaarii akka isaaniif taʼu nan beeka.+ 13 Namni hamaan garuu Waaqayyoon waan hin sodaanneef, isaaf gaarii hin taʼu;+ umurii isaa isa akka gaaddidduu taʼes hin dheereffatu.+
-