-
Lakkoofsa 31:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Namoota raayyaa waraanaa keessa jiran warra gara waraanichaa dhaqanii fi namoota yaaʼicha keessatti argaman kaan hundumaatiif akka hiramuuf wanta saamame sana bakka lamatti qoodi.+
-
-
1 Saamuʼel 30:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Daawit garuu akkana isaaniin jedhe: “Yaa obboloota koo, wanta Yihowaan nuuf kenne irratti akkana gochuu hin qabdan. Inni eegumsa nuu godheera; tuuta weerartootaa nutti dhufe sanas harka keenyatti dabarsee kenneera.+ 24 Yaada kana irratti eenyutu isinii wajjin walii gala? Qoodni namni gara waraanaatti gad buʼe argatuu fi namni miʼa eege argatu tokko dha.+ Hundi isaanii iyyuu qooda ni qabaatu.”+ 25 Inni guyyaa sanaa jalqabee hanga guyyaa harʼaatti kun Israaʼelotaaf dambii fi seera taʼee akka tajaajilu ni godhe.
-