19 Inni ajajawwan kee, yaadachiisawwan kee fi dambiiwwan kee akka eeguuf,+ wantoota kana hunda akka raawwatuuf, akkasumas mana qulqullummaa* ani qophii godheef kana akka ijaaruuf,+ ilma koo Solomooniif garaa guutuu taʼe* kenni.”+
5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+