LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 32:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun didaa* taʼuu isaa ani argeera.+

  • Keessa Deebii 1:43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Anis kana isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, ajaja Yihowaa irratti finciltanii of tuulummaadhaan gara gaarichaatti ol baʼuuf ni yaaltan.

  • Keessa Deebii 31:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Sababiin isaas, anumti iyyuu fincila+ keessanii fi mata jabina*+ keessan akka gaariittan beeka. Utuman lubbuudhaan isinii wajjin jiruu hammana Yihowaa irratti erga fincila kaastanii, ergan duʼee booda immoo hammam caalaatti isa irratti fincila kaastu ree!

  • 2 Mootota 17:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+

  • Hisqiʼel 20:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Lafa onaa keessattis ilmaan isaaniitiin akkana nan jedhe:+ ‘Akka dambiiwwan abbootii keessaniitti hin deddeebiʼinaa+ yookiin murtiiwwan isaanii hin eeginaa yookiin waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniin of hin xureessinaa.

  • Hojii Ergamootaa 7:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 “Isin namoota mata jabeeyyii, garaan keessanii fi gurri keessan didaa taʼe* nana, isin yeroo hundumaa hafuura qulqulluu mormitu; isinis wantuma abbootiin keessan godhan gootu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi