-
Keessa Deebii 1:43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Anis kana isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, ajaja Yihowaa irratti finciltanii of tuulummaadhaan gara gaarichaatti ol baʼuuf ni yaaltan.
-
-
2 Mootota 17:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+
-