-
2 Seenaa Baraa 24:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Isaan mana Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe sanaa dhiisanii utubaawwan waaqeffannaa* fi waaqolii tolfamoo tajaajiluu jalqaban; yakka isaaniitiin kan kaʼes, Yihudaa fi Yerusaalem irratti dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufe.* 19 Yihowaan gara isaatti akka isaan deebisaniif raajota isaaniif erga ture; isaanis isaan akeekkachiisu* turan; isaan garuu dhagaʼuu didan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-