-
2 Mootota 17:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Ermiyaas 7:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 guyyaa abbootiin keessan biyya Gibxiitii baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti akkana godhan.+ Kanaafuu, ani raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+ 26 Sabichi garuu na dhagaʼuu didan, gurras hin kennine.+ Kanaa mannaa, didaa taʼan,* abbootii isaanii caalaas hammina raawwatan!
-