LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 17:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.

  • 2 Seenaa Baraa 36:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture.

  • Nahimiyaa 9:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+

  • Nahimiyaa 9:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Atis waggoota hedduudhaaf obsa isaanitti argisiiste;+ karaa raajota kees hafuura keetiin yeroo baayʼee isaan ni akeekkachiiste; isaan garuu dhaggeeffachuu ni didan. Dhuma irrattis ati harka saboota biyyoota sanaatti dabarsitee isaan kennite.+

  • Ermiyaas 25:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kana malees, Yihowaan irra deddeebiʼee* tajaajiltoota isaa warra raajota taʼan hundumaa gara keessanitti kan erge taʼus, isin garuu isaan hin dhageenye yookiin gurra keessan isaanitti hin qabne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi