-
Baʼuu 10:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Awwaannisni sunis guutummaa biyya Gibxii irratti buʼe; guutummaa naannoo Gibxii irrattis ni qubate.+ Awwaannisni sun akka malee hamaa ture;+ sana dura awwaannisni hedduun hammana baayʼatu dhufee hin beeku; sana boodas awwaannisni hammana baayʼatu deebiʼee hin dhufu. 15 Isaanis guutummaa biyyattii ni uwwisan; biyyattiinis isaaniin kan kaʼe ni dukkanoofte; biqiltoota biyyattii hundumaa fi firiiwwan mukeetii hundumaa warra cabbii sana irraa hafan nyaatanii ni fixan; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukeetii irrattis taʼe biqiltoota irratti baalli tokko illee hin hafne.
-