-
Keessa Deebii 12:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Iddoowwan saboonni isin biyya isaanii keessaa ariitan sun waaqolii isaanii itti tajaajilaa turan, jechuunis iddoowwan gaarota ol kaʼoo irra yookiin tabbawwan irra yookiin mukeetii lalisoo jala jiran hundumaa guutummaatti balleessaa.+
-
-
Hisqiʼel 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Anis gara biyyan isaaniif kennuuf kakadhetti isaan nan galche.+ Isaanis yommuu tabbawwan ol kaʼoo fi mukeetii lalisoo+ hundumaa arganitti aarsaawwan isaanii fi kennaawwan isaanii warra na dheekkamsiisan dhiheessuu ni jalqaban. Achittis aarsaawwan isaanii warra urgaan isaanii gammachiisu* ni dhiheessan, aarsaawwan dhugaatii isaaniis ni dhangalaasan.
-