-
Baʼuu 23:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Hamma ati wal hortuttii fi hamma lafattii dhaalaan fudhattutti suutuma suuta isaaniin si duraa nan ariʼa.+
-
-
Iyyaasuu 24:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Kanaafuu, ani naasuu* isaanitti nan erge; naasuun kunis mootota Amoorotaa lamaan isin duraa ni ariʼe.+ Kun kan taʼe goraadee keessanii fi iddaa keessaniin miti.+ 13 Akka kanaan ani lafa isin itti hin dadhabnee fi magaalota isin hin ijaarre isiniif nan kenne;+ isinis isaan keessa ni jiraattan. Ammas mukeetii wayinii fi mukeetii ejersaa* hin dhaabne irraa nyaachaa jirtu.’+
-
-
1 Mootota 4:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Guutummaa bara Solomoonitti namoonni Yihudaa fi namoonni Israaʼel Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti argaman tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jalatti tasgabbiidhaan jiraatu turan.
-