-
Baʼuu 1:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yeroo boodas mootii haaraan Yoseefiin hin beekne biyya Gibxii bulchuu jalqabe. 9 Kanaafuu, inni uummata isaatiin akkana jedhe: “Kunoo, namoonni Israaʼel nu caalaa baayʼachaa fi ciccimoo taʼaa jiru.+ 10 Kaanee haxxummaadhaan wanta tokko isaan irratti haa raawwannu. Taʼuu baannaan, wal horuu isaanii itti fufu; waraanni yoo kaʼes diinota keenyaa wajjin taʼanii nu lolu; biyyattiis dhiisanii deemu.”
-
-
Asteer 3:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Haa taʼu malee, isaan waaʼee saba Mordekaayis isatti himanii waan turaniif, Mordekaayiin qofa ajjeesuuf* yaaduun wanta gatii hin qabne akka taʼe godhee ilaale. Kanaafuu, Haamaan Yihudoota guutummaa bulchiinsa Ahaashweros keessa jiran hundumaa, jechuunis saba Mordekaay hundumaa balleessuu barbaade.
-