-
Baʼuu 7:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Musee fi Aaronis yeruma sana akkuma Yihowaan isaan ajaje godhan. Innis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti ulicha ol fuudhee bishaan isa Laga Abbayyaa keessa jiru ni rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundis gara dhiigaatti jijjiirame.+ 21 Qurxummiiwwan lagicha keessa turan ni duʼan;+ lagichi ajaaʼuu jalqabe; warri Gibxiis Laga Abbayyaa irraa bishaan dhuguu hin dandeenye;+ guutummaan biyya Gibxiis dhiiga duwwaa taʼe.
-