-
Baʼuu 9:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaafuu, Museen ulee isaa gara samiitti diriirse; achiis Yihowaan kakawwee fi cabbii ni erge; ibiddis* lafa irratti ni buʼe; Yihowaan biyya Gibxii irratti cabbiin roobuu isaa akka itti fufu ni godhe. 24 Cabbiin ni buʼe; cabbii sana gidduu immoo ifni ibiddaa jira ture. Cabbiin sun baayʼee ulfaataa ture; Gibxiin erga saba taatee jalqabees cabbiin akkanaa matumaa biyyattii irratti buʼee hin beeku.+ 25 Cabbichis nama irraa jalqabee hamma horiitti guutummaa biyya Gibxii keessatti wanta dirree irra jiru hundumaa ni rukute; biqiltoota hundumaa ni rukute; mukeetii dirree keessa jiran hundumaas ni caccabse.+ 26 Cabbiin biyya Gooshen isa Israaʼelonni keessa jiran qofa keessatti utuu hin buʼin hafe.+
-