-
Keessa Deebii 6:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+
-
-
Iyyaasuu 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa Ayyaana Faasikaa booda jiruttis oomisha lafichaa ni nyaatan; guyyuma sanatti maxinoo+ fi asheeta waadames ni nyaatan. 12 Guyyaa oomisha lafattii irraa muraasa itti nyaatanitti aansee jiruttis mannaan buʼuu isaa ni dhiise; sana booda Israaʼelonni mannaa hin arganne;+ kanaa mannaa, waggaa sanatti oomisha biyya Kanaʼaan nyaachuu jalqaban.+
-