-
Lakkoofsa 25:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas,+ morkii ana ilaalchisee isaan gidduutti kaʼe hundumaa obsaan bira darbuu dhiisuudhaan dheekkamsa koo saba Israaʼel irraa deebiseera.+ Guutummaatti akka naaf bulan kanan barbaadu taʼus, Israaʼelota haxaaʼee kanan hin balleessine kanaafi.+ 12 Kanaafuu, kakuu nagaa koo akkan isaa wajjin galu itti himaa. 13 Inni morkii Waaqa isaa ilaalchisee kaʼe obsaan waan bira hin darbineef,+ akkasumas saba Israaʼeliif araara waan argamsiiseef, kun isaa fi sanyii isaa isa booda dhufuuf kakuu lubummaa dhaabbataa ni taʼa.”+
-