-
Abbootii Murtii 6:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Haa taʼu malee, Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ kanaafuu, Yihowaan waggaa torbaaf harka Miidiyaanitti dabarsee isaan kenne.+ 2 Harki Miidiyaan Israaʼel irratti ni cime.+ Israaʼelonnis Miidiyaaniin kan kaʼe, gaarota, holqawwanii fi iddoowwan salphaatti bira hin gaʼamne keessatti iddoo keessa dhokatan* ni qopheeffatan.+ 3 Yommuu Israaʼelonni sanyii facaasanitti Miidiyaanonni, Amaaleqonnii+ fi namoonni Bahaa+ isaan haleelu turan. 4 Isaan naannoo isaanii keessa buufatanii oomisha biyyattii hamma Gaazaatti ni balleessu turan; Israaʼeliifis wanta nyaatanis taʼe, hoolaa yookiin qotiyyoo yookiin harree hin hambisan turan.+ 5 Isaan horii isaanii fi dunkaanota isaanii qabatanii akka awwaannisaatti baayʼatanii dhufu turan;+ isaanii fi gaalonni isaaniis lakkaaʼamuu hin dandaʼan turan;+ biyyattii balleessuufis gara ishiitti ni seenu turan.
-