- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 31:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
20 Hisqiyaas guutummaa Yihudaa keessatti kana ni raawwate; inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni godhe; isaafis amanamaa ture. 21 Inni hojiiwwan tajaajila mana Waaqa dhugaa+ wajjin yookiin Seerichaa fi ajaja kenname eeguu wajjin wal qabatan, warra inni Waaqa isaa barbaaddachuuf jalqabe hundumaa garaa guutuudhaan ni raawwate; milkaaʼinas ni argate.
 
 -