13 Namni ogummaa argatu,+
Namni hubannaa qabus gammadaa dha;
14 Ogummaa argachuun meetii argachuu irra,
Akka buʼaatti ishii argachuunis warqii argachuu irra wayya.+
15 Ishiin elellaa caalaa gatii guddaa qabdi;
Wanti ati hawwitu kam iyyuu ishiidhaan qixxaachuu hin dandaʼu.