-
Mulʼata 6:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yommuu inni chaappaa isa shanaffaa banu, lubbuu*+ namoota sababii dubbii Waaqayyoo fi sababii dhugaa baʼuu isaaniitiif gorraʼamanii+ iddoo aarsaa jalatti+ nan arge. 10 Isaanis, “Qulqulluu fi dhugaa+ kan taate yaa Gooftaa Ol Aanaa, warra lafa irra jiran irratti murteessuu fi dhiiga keenyaaf isaan irratti haaloo baʼuu irraa kan of qusattu hamma yoomiitti?”+ jedhanii sagalee guddaadhaan iyyan.
-