-
Mulʼata 19:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Kana booda samii keessaa sagalee guddaa, sagalee namoota hedduu fakkaatu tokko nan dhagaʼe. Isaan akkana jedhan: “Yaahiin jajadhaa!*+ Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti; 2 sababiin isaas, murtiiwwan isaa dhugaa fi qajeeloo dha.+ Inni sagaagaltuu guddittii ishii halalummaa* ishiitiin lafa mancaaste sanatti murteesseera; dhiiga garboota isaa isa harka ishii irra jiruufis haaloo baʼeera.”+
-