-
Iyyaasuu 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra.
-
-
Nahimiyaa 6:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Akka kanaan, dallichi jiʼa Eluul* keessa guyyaa 25ffaatti, guyyaa 52 keessatti ni xumurame.
16 Diinonni keenya hundi waaʼee kanaa yommuu dhagaʼanii fi guutummaan saboota naannoo keenyaas kana yommuu argan akka malee qaanaʼan;*+ hojiin kun kan hojjetame gargaarsa Waaqa keenyaatiin akka taʼes ni hubatan.
-