-
Baʼuu 7:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Musee fi Aaronis yeruma sana akkuma Yihowaan isaan ajaje godhan. Innis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti ulicha ol fuudhee bishaan isa Laga Abbayyaa keessa jiru ni rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundis gara dhiigaatti jijjiirame.+
-
-
Baʼuu 8:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kanaafuu, Aaron harka isaa bishaanota Gibxii irratti ni diriirse; raachawwanis ol baʼuu fi biyya Gibxii uwwisuu jalqaban.
-
-
Baʼuu 8:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Isaanis akkanuma ni godhan. Aaron harka isaa isa ulee ittiin qabate diriirsee awwaara lafaa rukute; bookeewwanis namaa fi horii irratti namʼan. Awwaarri lafa irraa hundis guutummaa biyya Gibxii keessatti bookee taʼe.+
-
-
Baʼuu 9:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yihowaanis guyyaa itti aanutti akkanuma ni godhe; akaakuun horii warra Gibxii hundis duduʼuu jalqaban;+ horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko illee hin duune.
-
-
Baʼuu 9:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, isaan iddoo ibiddaatii cilaattii fuudhanii Faraʼoon dura dhaabbatan; achiis Museen cilaattii sana qilleensa keessatti bittinneesse; innis namaa fi horii irratti dhiitoo malaa qabate taʼe.
-
-
Baʼuu 9:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaafuu, Museen ulee isaa gara samiitti diriirse; achiis Yihowaan kakawwee fi cabbii ni erge; ibiddis* lafa irratti ni buʼe; Yihowaan biyya Gibxii irratti cabbiin roobuu isaa akka itti fufu ni godhe.
-
-
Baʼuu 10:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yihowaanis Museedhaan, “Awwaannisni biyya Gibxii irratti dhufee biqiltoota biyyattii hundumaa fi wanta cabbicha irraa hafe hundumaa nyaatee akka fixuuf, harka kee biyya Gibxii irratti diriirsi” jedhe.
-
-
Baʼuu 10:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Biyya Gibxii irratti dukkanni, jechuunis dukkanni cimaan waanuma harkaan qaqqabamu fakkaatu akka taʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
-