44 Saba koo warra dogoggora funaanan irraa na oolchita.+
Mataa sabootaa akkan taʼuuf na eegda;+
Namoonni ani hin beeknes na tajaajilu.+
45 Namoonni biyya ormaa hollachaa na duratti dhihaatu;+
Waaʼee koo wanti isaan dhagaʼanis akka naaf ajajaman isaan godha.
46 Namoonni biyya ormaa ni sodaatu;
Hollachaas dahoo isaanii keessaa ni baʼu.