LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 19:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ammas isin of eeggannoodhaan sagalee kootiif yoo ajajamtanii fi kakuu koo yoo eegdan, guutummaan lafaa kan koo waan taateef,+ isin dhugumaan saboota hundumaa keessaa anaaf qabeenya addaa* ni taatu.+

  • Baʼuu 31:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Israaʼelonni Sanbata haa kabajan; isaan guutummaa dhaloota isaanii keessatti Sanbata haa kabajan. Kun kakuu dhaabbataa dha. 17 Yihowaan guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa erga uumee booda guyyaa torbaffaatti waan boqotee fi waan gammadeef,+ sanbanni anaa fi saba Israaʼel gidduutti mallattoo dhaabbataa dha.’”+

  • Keessa Deebii 4:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Sabni guddaan dambiiwwanii fi heerawwan qajeeloo akka guutummaa Seera isa ani harʼa isin dura kaaʼaa jiru kanaa qabu isa kami?+

  • 1 Seenaa Baraa 17:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Waaqni dhugaan dhaqee saba isaa akka taʼaniif isaan fureera.+ Ati saboota kaan saba kee warra Gibxii jalaa furte duraa ariʼuudhaan,+ gochawwan guguddaa fi sodaachisaa taʼan raawwachuudhaan maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+

  • Roomaa 3:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Egaa, Yihudii taʼuun caalmaa maalii qaba? Yookiin faayidaan dhaqna qabaa maali dha? 2 Karaa hundumaan caalmaa guddaa qaba. Duraan dursee dubbiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan isaanitti kennameera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi