-
Hisqiʼel 34:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+ 14 Ani bakka dheedichaa gaarii taʼe keessatti isaan nan soora; isaanis gaarota Israaʼel warra ol kaʼoo taʼan irra ni dheedu.+ Isaan achitti lafa dheedichaa gaarii taʼe keessa ni ciciisu;+ gaarota Israaʼel irrattis kaloowwan filatamoo taʼan ni dheedu.”
-