-
Iyyoob 38:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis, ‘Hamma asiitti dhufuu dandeessa, kana irra garuu darbuu hin dandeessu;
Dambaliin kee inni warraaqu as irratti dhaabbata’ yommuun jedhetti ati eessa turte?+
-
-
Faarfannaa 136:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Lafa bishaanota irra diriirse,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
-
-
Ermiyaas 5:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin na hin sodaattanii?
Na duratti hollachuu hin qabdanii?
Galaanaaf daangaa godhee cirracha kan kaaʼe,
Sana irra darbuu akka hin dandeenyeefis dambii dhaabbataa kan isaaf kaaʼe ana dha.
Dambaliin isaa yoo jeeqame iyyuu, isa irra darbuu hin dandaʼu;
Yoo huurse iyyuu, isa irra darbee deemuu hin dandaʼu.+
-