-
Iyyoob 38:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yommuu inni gadameessa keessaa futtaafatee baʼetti,
Galaanatti balbala kan cufe eenyu?+
-
-
Iyyoob 38:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis, ‘Hamma asiitti dhufuu dandeessa, kana irra garuu darbuu hin dandeessu;
Dambaliin kee inni warraaqu as irratti dhaabbata’ yommuun jedhetti ati eessa turte?+
-
-
Faarfannaa 104:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Bishaan gad fagoo akka uffataatti ishiitti uwwisteetta.+
Bishaanonni gaarota gubbaa dhaabbataniiru.
7 Yommuu ati ifattu ni baqatan;+
Sagalee kakawwee keetii yommuu dhagaʼan naasuudhaan ni fiigan,
8 Kanaan kan kaʼes gaaronni ol ni kaʼan,+ sululawwanis gad ni lixan,
Gara iddoo ati isaaniif qopheessitees ni dhaqan.
9 Akka isaan lammata lafa hin uwwisneef,
Daangaa irra darbuu hin qabne isaaniif ni keesse.+
-
-
Faarfannaa 136:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Lafa bishaanota irra diriirse,+
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
-