-
Iyyoob 38:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yommuu inni gadameessa keessaa futtaafatee baʼetti,
Galaanatti balbala kan cufe eenyu?+
9 Duumessaan yommuun isa uwwisetti,
Dukkana cimaadhaanis yommuun isa maretti,
10 Yommuun daangaa koo isaaf hundeessetti,
Yommuun danqaraawwan isaa fi balbaloota isaa iddoo isaanii kaaʼetti,+
-
Faarfannaa 33:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Inni akkuma hidhaatti bishaanota walitti ni qaba;+
Dambaliiwwan bishaaniis manneen kuusaa keessa ni kaaʼa.
-
-
Fakkeenya 8:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Bishaanonni galaanaa ajaja isaa irra akka hin darbineef+
Yeroo galaanichaaf labsii baasetti,
Yeroo buʼuura lafaa kaaʼetti,*
-
Ermiyaas 5:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin na hin sodaattanii?
Na duratti hollachuu hin qabdanii?
Galaanaaf daangaa godhee cirracha kan kaaʼe,
Sana irra darbuu akka hin dandeenyeefis dambii dhaabbataa kan isaaf kaaʼe ana dha.
Dambaliin isaa yoo jeeqame iyyuu, isa irra darbuu hin dandaʼu;
Yoo huurse iyyuu, isa irra darbee deemuu hin dandaʼu.+
-
-
-
-
-