LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyoob 38:8-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yommuu inni gadameessa keessaa futtaafatee baʼetti,

      Galaanatti balbala kan cufe eenyu?+

       9 Duumessaan yommuun isa uwwisetti,

      Dukkana cimaadhaanis yommuun isa maretti,

      10 Yommuun daangaa koo isaaf hundeessetti,

      Yommuun danqaraawwan isaa fi balbaloota isaa iddoo isaanii kaaʼetti,+

      11 Achiis, ‘Hamma asiitti dhufuu dandeessa, kana irra garuu darbuu hin dandeessu;

      Dambaliin kee inni warraaqu as irratti dhaabbata’ yommuun jedhetti ati eessa turte?+

  • Faarfannaa 33:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Inni akkuma hidhaatti bishaanota walitti ni qaba;+

      Dambaliiwwan bishaaniis manneen kuusaa keessa ni kaaʼa.

  • Faarfannaa 104:6-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Bishaan gad fagoo akka uffataatti ishiitti uwwisteetta.+

      Bishaanonni gaarota gubbaa dhaabbataniiru.

       7 Yommuu ati ifattu ni baqatan;+

      Sagalee kakawwee keetii yommuu dhagaʼan naasuudhaan ni fiigan,

       8 Kanaan kan kaʼes gaaronni ol ni kaʼan,+ sululawwanis gad ni lixan,

      Gara iddoo ati isaaniif qopheessitees ni dhaqan.

       9 Akka isaan lammata lafa hin uwwisneef,

      Daangaa irra darbuu hin qabne isaaniif ni keesse.+

  • Ermiyaas 5:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin na hin sodaattanii?

      Na duratti hollachuu hin qabdanii?

      Galaanaaf daangaa godhee cirracha kan kaaʼe,

      Sana irra darbuu akka hin dandeenyeefis dambii dhaabbataa kan isaaf kaaʼe ana dha.

      Dambaliin isaa yoo jeeqame iyyuu, isa irra darbuu hin dandaʼu;

      Yoo huurse iyyuu, isa irra darbee deemuu hin dandaʼu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi