-
1 Saamuʼel 21:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Daawit wanta jedhame kana irratti yaaduu jalqabe; Akiish isa mootii biyya Gaat taʼe sanas baayʼee sodaate.+ 13 Kanaafuu, inni isaan duratti akka nama qalbii dabarsee taʼe;+ isaan gidduuttis* akka maraataa taʼe. Yeroo kanatti inni balbaloota karra magaalattii irratti ni babarreessa, gorora isaas areeda isaa irratti gad ni yaasa ture.
-