-
Keessa Deebii 6:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Isin gara biyya dhaalaan fudhattanitti yommuu ceetan akka isaan eegdaniif, ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keessan Yihowaan isin barsiisuuf kenne kanneen kana dha; 2 kunis ati, ijoolleen kee fi ijoolleen ijoollee keetii bara dheeraa akka jiraattaniif,+ bara jireenyaa keessan hundumaatti Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniif, dambiiwwan isaa fi ajajawwan isaa warra ani isin ajaju hundumaas akka eegdaniifi.+
-
-
Keessa Deebii 30:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura akkan kaaʼe+ harʼa samii fi lafa si irratti ragoota godhee nan dhiheessa; atii fi sanyiin kee+ akka jiraattaniif jireenya filadhu;+ 20 kanas kan gootu, Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani;+ sababiin isaas, inni jireenya kee ti; biyya Yihowaan abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakate keessattis bara dheeraa kan si jiraachisu isa dha.”+
-
-
1 Pheexiros 3:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu kam iyyuu arraba isaa wanta hamaa irraa,+ afaan isaas gowwoomsaa dubbachuu irraa haa eegu. 11 Wanta hamaa irraa deebiʼee+ wanta gaarii haa raawwatu;+ nagaa haa barbaadu, duukaas haa buʼu.+ 12 Sababiin isaas, ijji Yihowaa* qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa;+ taʼus Yihowaan* warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”+
-