-
Faarfannaa 38:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Fayyisaa koo kan taate yaa Yihowaa,+
Na gargaaruuf ariifadhu.
-
-
Faarfannaa 70:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
70 Yaa Waaqayyo, na oolchi;
Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+
2 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan,
Haa qaaneffaman, haa salphifamanis.
Warri rakkina kootti gammadan,
Salphinaan duubatti haa deebiʼan.
3 Warri, “Ishoo! Ishoo!” jedhan,
Qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4 Warri si barbaaddatan garuu,
Sitti haa gammadan, haa ililchanis.+
Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,
“Waaqayyo ulfina haa argatu!” haa jedhan.
-