LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 40:13-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yaa Yihowaa, maaloo na oolchuuf fedhii qabaadhu.+

      Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+

      14 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan hundi

      Haa qaaneffaman, haa salphifamanis.

      Warri rakkina kootti gammadan

      Salphinaan duubatti haa deebiʼan.

      15 Warri, “Ishoo! Ishoo!” naan jedhan,

      Qaanii isaan irra gaʼuun haa rifatan.

      16 Warri si barbaaddatan+ garuu

      Sitti haa gammadan, haa ililchanis.+

      Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,

      “Yihowaan ulfina haa argatu” haa jedhan.+

      17 Ani garuu nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha;

      Yihowaan xiyyeeffannaa naaf haa kennu.

      Ati isa na gargaaruu fi isa na baraaru dha;+

      Yaa Waaqa koo, hin turin.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi