LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 1:16-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis Baat Sheebaan gad jettee mootichaaf ni sagadde; mootichis, “Gaaffiin kee maali dha?” ishiidhaan jedhe. 17 Ishiinis deebistee akkana jette: “Yaa gooftaa koo, ‘Ilmi kee Solomoon ana booda mootii ni taʼa; teessoo koo irra kan taaʼu isa dha’ jechuudhaan maqaa Waaqa kee Yihowaatiin ana tajaajiltuu teetiif kan kakate siʼi.+ 18 Garuu kunoo, Adoniyaan mootii taʼeera; gooftaan koo mootichis waaʼee kanaa homaa hin beeku.+ 19 Inni qotiyyoo, horiiwwan coccoomoo fi hoolota hedduu aarsaa godhee, ilmaan mootichaa hunda, Abiyaataar lubichaa fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabiin waameera;+ tajaajilaa kee Solomooniin garuu hin waamne.+ 20 Ammas yaa gooftaa koo yaa mootii, gooftaa koo mooticha booda teessoo isaa irra kan taaʼu eenyu akka taʼe akka isaanitti himtuuf Israaʼelonni hundi si eegaa jiru. 21 Taʼuu baannaan, akkuma gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqoteen, anii fi ilmi koo Solomoon akka gantootaatti ilaalamna.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi