33 Madaa fi qaaniitu isa irra gaʼa,+
Salphinni isaas isa irraa hin haqamu.+
34 Hinaaffaan abbaan manaa aaree akka gubatu godha;
Innis yeroo haaloo baʼu gara laafina hin argisiisu.+
35 Inni kiisii hin fudhatu;
Ati kennaa guddaa akkamii illee yoo isaaf kennite inni hin tasgabbaaʼu.